Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan qabeenya albuudaan kan badhaate taatus faayidaan barbaadamu irraa argamaa hin turre jedhame

Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Oromiyaan qabeenya albuudaan kan badhaate taatus xiyyeeffannaan damichaaf laatame laafaa waan tureef faayidaan barbaadamu irraa argamaa kan hin turre ta’uu ibsame.

Damicharraa bu’aa barbaadamu argamsiisuuf waggota sadan darbanitti  riiformii gaggeeffameen hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa turuu Hogganaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa obbo Tasfaayee Magarsaan ibsaniiru.

Damee albuudaa naannichaa beekumsaan hogganuun bu’aa hawaas- diinagdeen argamu guddisuuf Imaamataafi Tarsimoon Albuudaa maal fakkaachuu akka qabu akkasumaa dhiibbaa naannoo , hawaasummaafi diingdeerratti qabu adda baasuun fayyadamtummaa naannichaa guddisuuf qorannoon gaggeeffamaa turuu yaadachiisaniiru.

Damicha beekumsaan hogganuufis dhaabbilee barnoota ol’aanoo waliin hojjetamaa jiras jedhan.

Waltajjiin marii qorannoo damee albuudaan hojiilee waggoottan 10’n dhufanitti hojjetamuu qaban irratti xiyyeeffate Hoteela Ililliitti gaggeeffamaa jira.

Qorannichi Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaan qoratamaa kan ture yoo ta’u, qooda fudhattoonni garaagaraa maricharratti argamaniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.