Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti barnoota Afaan Faraansaay cimsuurratti Jila Faransaay waliin mari’atame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC)- Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Ministeera Dhimma Alaa Faransaayitti Jila Itti Aantuu Daarektara Barnoota Afaan Faransaay Maariyee Baashaaliin durfamu waliin haala barnoota Afaan Faransaay dagaagsuu fi guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.
 
Dooktar Tolaan maricharratti Oromiyaa keessatti Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa torba keessatti, barattootni kumni 3 fi 132 akkaataa filannoo isaaniitti afaanota biyya alaa 3 barataa akka jiran himaniiru.
 
Barattoota kanneen keessaa %40 Afaan Faransaay, %36, Afaan Chaayinaa fi %24 Arabiffa barachaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Barattoonni afaanota biyya alaa barachuun bu’aa olaanaa akka qabu ibsuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
 
Jilli Faransaay barattoota Afaan Faransaay barataniif carraa barnootaa akka mijeessan himuun, qulqullina barnoota afaanichaa guddisuu fi barsiisotaaf leenjii itti fufiinsa qabu akka taasisan eeruuniiru.
 
Qophii sirna barnootaa fi deeggarsa meeshaalee barnootaa barbaachisu taasisuu akka itti fufan himaniiru.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.