Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Bitootessa 24, 2016 Hirriiri Deeggarsaa ni gaggeeffamaa-BKO

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti Bitootessa 24, 2016 Hirriiri Deeggarsaa kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Hiriirichi bu’aawwan jijjiiramaan booda argaman itti fufsiisuuf mata duree “Nageenya keenya ni eegganna, Jijjiirama ni waaressina “ jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti jijjiiramaan booda damee siyaas-dinagdeefi hawaasummaan jijjiiramni olaanaan argamuu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa bakkeewwan garaagaraatti guyyaa Hidhi Guddicha Haarsomsa Itiyoophiyaa hojii eegale waggaa 13ffaa sababeeffachuun fiigichi Gumaata Xiiqii gaggeeffamuu ibsuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.