Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Caamsaa 1, 2015 irraa eegalee bittaafi gurgurtaan boba’aa sirna elektirooniksii qofaan ta’a – BDO

Finfinnee, Eebla 14, 2015 (FBC) – Oromiyaatti Caamsaa 1, 2015 irraa eegalee bittaafi gurgurtaan boba’aa sirna elektirooniksii qofaan kan raawwatamu ta’uu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Hojii irraa oolmaa bittaafi gurgurtaa boba’aa karaa elektirooniksii raawwatu irratti qaamoleen hundi gahee isaanii bahuu akka qaban Biirichi waamicha dhiyeesseera.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Ebla 16, 2015 irraa eegalee bittaa fi gurgurtaan Boba’aa Teelee Birrii qofaan kan raawwatamu kan murtaa’e yoo ta’u, akka biyyaatti ammoo Caamsaa 1, 2015 irraa eegalee bittaafi gurgurtaan boba’aa elektirooniksii qofaan akka raawwatamu murtaa’eera.

Biiroon Daldala Oromiyaas Caamsaa 1, 2015 irraa eegalee Naannicha keessatti bittaafi gurgurtaan Boba’aa kaffaltii dijitaalaa ykn elektirooniksii qofaan kan raawwatamu ta’uu hubachiiseera.

Guyyaa eerame kana booda boba’aa waraabbachuun kan danda’amu Teelee Birrii qofaan ta’uu yaadachiiseera.

Dhaabbileen maloota biroo kanneen akka Kaardii Abisiiniyaatti Kuuppooniin fayyadamaa turan hanga dhuma bara baajataa kanaatti qofa kan fayyadaman ta’uu biirichi ibseera.

Biiroon Daldala Oromiyaa hojiirra oolmaa bittaafi gurgurtaa boba’aa karaa dijitaalaan taasifamu kanaaf Kaampaaniiwwaniifi buufataaleen raabsaa boba’aa gahee guddaa waan qabaniif xiyyeeffannoo olaanaan akka hojjetaniifi kallattii mootummaan kaa’e akka hordofan hubachiiseera.

Malli kaffaltii dijitaalaa kun bakka neetwoorkiin hin jirretti CBE gargaaramuun raawwachuu akka danda’u dhaabbata Teelee waliin ta’uun durfamee kan itti qophaa’amee ta’uufi moosaajiin kanaaf yaadamee qophaa’ee kan misoome ta’uu biirichi himuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.