Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti carraa hojii miiliyoona 1 ol uumun karoorfamus, raawwiin baatiiwwan sadan darbanii gadi aanaa ture jedhame

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti carraa hojii miiliyoona 1 ol uumun karoorfamus, raawwiin baatiiwwan sadan darbanii gadi aanaa ture jedhame.

Biiron Dubartoota, Daa’imanii fi Dargaggootaa Oromiyaa bara baajataa 2012tti dargaggoota miiliyoona 1 ol hojiitti galchuu karoorset ture.

Yaata’uutii raawwiin baatiiwwan sadan darbanii gadi aanaa ta’uu daayreektarri hirmaannaa fi fayyadamtummaa dubartootaa fi dargaggootaa biirichaa obbo Usmaan Ibraahiim ni himu.

Naannichi carraa hojii kuma dhibba 4 karoorfatee, kan milkeesse kuma dhibba 1 qofa.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet dargaggoota carraa hojii barbaadanii fi qooda fudhattoota damichaa dubbiseera.

Dargaggoonni, rakkoon dhiyeessii liqaa, walitti hidhamiinsi gabaa, hojimaanni gurmiif gaafatamu walxaxaa fi sirrachuu kan qabudha jedhu.

Magaalota Oromiyaa hedduutti dargaggoonni hoji dhabeeyyiin hedduu ta’uus ni ibsu.

Liqaaf Birrii biiliyoonni 3.5 qophaa’uu daayreektarichi ni ibsu.

Dhaabbilee barnoota olaanotii muummeewwan barnootaa addaddaatin ebbifamanii carraa hojii dhabanii taa’aa akka jiranis dargaggoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Daayreektarichi dargaggoonni rakkoo ilaalchaa, liqaa fudhatan deebisuu dhabuu fi maallaqa liqeeffatan fudhatanii kan badanis jiraachuu kaasu.

Warraaqsa diinagdee naannicha keessatti hojjetamaniin carraa hojii bal’aa banuuf hojjetamaa jiraachuus ni kaasu.

Raawwii karoorichaa gadi aanaa ta’e kurmaana itti aanu keessatti milkeessuuf ni hojjetamas jedhu obbo Usmaan.

Fandii dargaggootaa hundeessuuf hojjetamaa jiraachuus ni ibsu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.