Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti dabalataan namoonni 289 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 289 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 4639 hojjetameen vaayrasichi namoota 289 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 7021 ga’eera.
 
Waliigala Lubbuun namoota 49 darbeera.
 
Nammoonni haaraan 109 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 2,498 dandamataniiru.
 
Namoonni 4 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4,474 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 148,398 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.