Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti daldaltoota daballii gatii seeraan alaa taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jira

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti daldaltoota daballii gatii seeraan alaa taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu Itti aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun kilaastera Misooma Magaalaa Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.
Koreen Tasgabbii gabaa Oromiyaa hundaa’e qala’iinsa gabaa mudate irraatti karooraa fi raawwii dhiyyeesseera.
Daldaltoota gatii garmalee dabaluun shira dinagdee biyyaa irratti raawwataa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsameera.
Itti aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun kilaastera Misooma Magaalaa Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii, Biiroon Daldala Oromiyaa fi Sektaroonni mootummaa waliin dhimma tasgabbii gabaa irratti koree olaanoo waliin hojii torban kana hojjetame ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Koreen komaandi poostii tasgabbii gabaa to’annoo torbee kanaa taasiseen daldaltoota oomisha kuusuun hanqina dhiyeessii uumuuf yaalan, naga’ee malee oomisha gurguranii fi eeyyama daldalaa malee daldalan akkasumas,oomisha irratti gatii garmalee dabalanii gurguranii fi gatii gurgurtaa hin maxxansine irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuu ibsaniiru.
Qaamni dhufaatii jijjiramaa hin feene biyya diiguu fi siyaasnii fi diinagdeen akka hin tasgabboofne aggaammii jajjaboo fi shira diinagdee gaggeessaa jiran mootummaa fi uummata walitti buusuun qaala’insi akka hammaatu taasisaan jiraachuu hawaasn hubachuu akka qabu hogganaan Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Dheengee Boruuti.
Tooftaan juuntaan qaala’iinsa gabaa uumuuf fayyadame olola sobaan qaala’insi akka garmalee dabaluu taasiisuu obbo Dheengeen ibsaniiru.
Hojii tibbana hojjetameen Hawaasa daldalaa kuma 98 oliif hubannoon kennamuu eeraniiru.
Dhaabbileen daldalaa seeraan alaa badii adda addaa raawwatan Birrii miiliyoona 35 olitti tilmaamamu adabamuu kaasaniiru.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.