Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Egzibishiniin hojiifi hojjetaa walqunnamsiisu qophaa’e

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC) – Biiroon Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Oromiyaa yeroo jalqabaaf Egzibiishiinii hojiifi hojjataa walqunnamsiisu Magaalaa Adaamaatti qopheessuu beeksiseera.

Biirichi Egzibiishiinii hojiifi hojjataa walqunnamsiisu qopheessuun iddoo tokkotti hojjataafi hojjachiisaa walitti fiduun hoji dhabdoonni carraa hojii akka argatan taasisuurratti hojjachuu eegaluu himeera.

Sagantaan egzibiishiinii hojiifi hojjataa wal-qunamsiisu akka inisheetiivii haaraatti kan jalqabame yoo ta’u, hojii dhabdoonni karaa salphaa ta’een carraa hojii akka argataniii haala mijataa kan uumu ta’uu Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Obbo Araarsoo Biqilaa ibsaniiru.

Lammiin hundi hojii osoo hintuffatiin hojjachuun ofiifi biyyas akka jijjiiran saganticharratti ibsameera.

Egzibiishiiniin Paarkii Industirii Adaamaatti qophaa’e kanarratti dhaabbileen oomishaalee garagaraa fedhii humna namaa barbaadanii guutachuuf hojjataa qaaman argachuun eegaluu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.