Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 630 ol sanyii Qamadiin uwwifame – BQO

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Misooma qamadii Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti hektaarri 630 ol faca’uu Biiroon Qonnaan naannichaa beeksise.

Bara kana rooba Gannaatiin qamadii lafa hektaara miiliyoona 2.2 irratti misoosuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 630 oli faca’uu Itti Aanaa Hogganaa fi Itti gaafatamaan Damee Qonnaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoon Fayyisaan ibsaniiru.

Jilli Obbo Bariisoon durfamu qamadii rooba Gannaatiin Godina Shawaa Bahaatti misoomaa jiru daawwatan.

Karoora misooma qamadii Gannaatiin qabame milkeessuuf qonnaan bultoonniifi qooda fudhattoonni yeroodhaan facaasuu akka qaban dhaamuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.