Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hongee mudate dandamachuuf godinaalee 11 keessaatti lafti hektaarri kumni 715 ol margaa looniin uwwifame

Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hongeen mudatee ture dandamachiisuuf godinaalee 11 keessaatti lafti hektaarri kumni 715 ol margaa looniin uwwifamuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Oromiyaa beekseseera.

Naannichaatti bakkeewwan hongeen miidhamanii turan damdamachiisuuf piroojektoonni adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Godina Booraniitti hongeen waggoota sadan darbaniif walitti fufinsaan mudachuu hordofee Horiifi Namarra miidhaa guddaan qaqqabee ture.

Yeroo ammaa mukeen qoree garagaraa qaban lafarraa ciruun lafa marga horiif qopheessuun danda’ameera.

Hojii kanas gargaarsa mootummaa, uummtaa fi piroojektoota hongee damdamannaafi fooyya’insi jireenya horsiisee bulaatu hojjetaa jira jedhame.

Lafti kanaan dura muka qoree qabuun danqamee taa’aa ture amma misoomuun namaafis horiifis abdii guddaadha jedhan horsiisee bultoonni Godina Booraa Anaa Eelwaayyee.

Godina Booranaatti lafti hektaarri Kumni 130 ol marga looniin uwwifamuu eerameera.

Akka naannoo Oromiyaatti godinaalee 11keessaatti lafti hektaarri 715 ol marga looniin uwwifamuu Hogganaa itti aanaan Biiroo misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Obbo Roobaa Turcheen ibsniiru.

Margi kunis tooniin miiliyoona 2.76 ol ta’uu danda’a jedhan.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.