Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti miseensota inshuraansii fayyaa miiliyoona 25 guddisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Gurandhala 8, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti lakkoofsa miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 25’tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa, raawwii hojii Inshuraansii Fayyaa hawaasaa Bakkaa Itti Aanaan Pireezidaantii Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluu fi qooda fudhattonnii naannoo fi federaalaa argamanitti Magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Oromiyattii tajaajila fayyaa hundaaf qaqqabsisu fi haqa qabeessa taasisuuf hojjetameen bara 2014 miseensota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa miiliyoona 21 horachuun akka danda’ame Obbo Abdulhaakiim Muluun himaniru.

Baranas miseensota inshuraansichaa gara miiliyoona 25’tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa osoo qabeenya isaanii hinqisaaseessiin fayyadamoo akka ta’aniis eeraniiru.

Rakkoo dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee tajaajila wal’aansa fayyaa akka naannichaatti mudataa jiran furuu keessattis Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa gahee olaanaa bahachaa akka jiru himameera.

Waltajjii kanarratti Bulchiinsa Magaalotaa, Godinaalee, Aanaalee raawwii Olaanaa galmeessisaniif beekamtii fi badhaasni akka kennamu ibsamuu OBN gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.