Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 151 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 151 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 560 hojjetameen vaayrasichi namoota 151 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 14,313 ga’eera.
Lubbuun namoota 4 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 123 darbeera.
Namoonni haaraan 44 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9,000 dandamataniiru.
Namoonni 15 wallaansa cimaa keessatti argamu.
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5190ta’uu biirichi ifoomseera.
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 204908 gaggeeffameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.