Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti oomishni midhaanii kuntaala miliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 82 sassaabame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Oromiyaatti bara oomishaa 2011tti omishaaleen midhaanii akaakuuwwan adda addaa kuntaalli miliyooni dhibbi 1 fi miiliyooni 82 sassaabamuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa obbo Dhaabaa Dabalee oomisha baranaa ilaalchisuun ibsa har’a miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, oomisha kuntaala miliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 86 walitti qabuuf karoorfame keessaa midhaan kuntaali miliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 82 walitti qabamuu ibsaniiru.
karoora qabameerra dhibbantaa 98 milkeessuun danda’ameera jedhan.

Milkaa’ina kanaafis hoggantoonni mootummaa sadarkaa adda addaarratti argaman, ogeeyyiin qonnaa, hojjettoonni seektaroota garagaraa tumsa olaanaa taasisuu isaaniis himaniiru.

Kana malees dhiyeessii fi ittifayyadamni xaa’oo, sanyii filatamaa, keemikaalli farra ilbiisootaa fi leecalloowwan qonnaa kan bara darberraa fooyya’aa ta’uu obbo Dhaabaan himaniiru.

Callaan argames kan bara darbeerra kuntaala miliyoona 15n caalmaa qaba jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.