Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti piroojektoonni bishaan Dhugaatii namoota kuma 600 fayyadamoo taasisan baatiiwwan 2 dhufanitti ni xumuramu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015( FBC)- Naannoo Oromiyaatti piroojektoonni bishaan Dhugaatii namoota kuma 600 fayyadamoo taasisan baatiiwwan 2 dhufanitti ni xumuramuun tajaajilaaf kan oolan ta’uu Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa beeksise.

Naannichatti piroojektoonni bishaanii 8 baatiiwwan itti aanan keessatti xumuramanii tajaajilaaf kan oolan ta’uu eerameera.

Naannoo Oromiyaatti piroojektoonni bishaan dhugaatii 20 deeggarsa maallaqaa Baankii Adduunyaarraa argameen hojjatamaa kan jiran yoo ta’u kanneen keessaa piroojektoonni 16 raawwii gaariirra kan jiran ta’uu ibsameera.

Piroojektoota bishaan dhugaatii 16 keessaa piroojektoonni 8 ji’oottan lamaan itti aanan keessatti xumuramanii tajaajilaaf kan oolan ta’uu itti aanaan Hogganaa Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Mahammad Ziyaad Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Pirojaktoonni kunneen magaalaa Ejeree, Saaguree, Dodolaa, Shararoofi magaalota biroo keessatti ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, namoota kuma 600 fayyadamoo kan taasisan ta’uu dubbataniiru.

Piroojektiin bishaan dhugaatii godina Jimmaa magaalaa Saqqaa Birrii miiliyoona 80n ijaaramaa tures xumuramee tajaajilaaf ooleera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.