Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qonna jallisii qamadiin lafa heektaara kuma 278 olirratti sanyiin faca’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015(FBC)- Oromiyaatti qonna jallisii qamadiin hanga ammaatti lafa heektaara kuma 2fi kuma 78 fi 376 irratti sanyiin faca’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Naannichatti qamadii jallisiin lafa heektaara miiliyoona tokko misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti heektaarri kumni dhibbi 5fi kumni 79fi 495 qophaa’uufi lafa heektaara kuma dhibba 2fi kuma 78fi 376 irratti sanyiin faca’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa  Obbo Geetuu Gammachuu eeraniiru.

Oomisha alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu irra darbee alatti erguuf hojii hojjatamaa jiruun Avokaadoofi Garbuu alaatti erguun jalqamuu ibsuusanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu karoora qamadii biyya alaatti erguuf karoorfame milkeessuuf qulqullina sanyii irratti hojii hojjetamaa jiru Abbaa Taayitaa Galteewwan Qonnaa waliin ta’uun mana kuusaa sanyiin itti qulqullaa’aa jiru daawwachuus ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.