Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti rakkoolee nageenyaa furuufi hanna ittisuun dhimmoota dursi kennameef ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti rakkoolee nageenyaaf furmaata barbaaduufi hanna ittisuun dhimmoota xiyyeeffannoon addaa kennameef ta’uu Ittaanaan Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Rakkoolee uummata hiraarsan adda baafamuun kallattiin kaa’amuufi rakkoolee kanneen furuuf gara hojiitti seenamuu Obbo Awwaluun turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin eeraniiru.

Naannichatti bara darbe hojjettootaafi hoggantoota mootummaa kenniinsa tajaajilaarratti rakkoo uuman kuma 28 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu yaadachiisuun, yakkamtoota adda baasuun tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhaniiru.

Haleellaa humnoota naannicha naannawaa jeequmsaa taasisuuf barbaadanii qolachuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa buusuu eeruun, tarkaanfichi cimee kan itti fufu ta’uu dubbatan.

Hawaasnis mootummaa cinaa dhaabbachuun tarkaanfii hannaafi gochoota seeraan alaarratti fudhataman akka deeggaru gaafataniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.