Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Indaastirii qindaa’aa qonnaa Bulbulaa eebbifame

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Birriin biiliyoonni 6.5 baasii kan itti ta’e Paarkiin Indaastirii qindaa’aa qonnaa Bulbulaa  eebbifameera.
Paarkiin Indaastirii qindaa’aa qonnaa bulbulaa kun hanga abbootii qabeenyaa 200tti keessummeessuu kan danda’uudha jedhame.
Paarkichi guutumaan guutuutti gara hojiitti wayita gale lammiilee kuma 70 hanga kuma dhibba 1 ta’aniif carraa hojii kan uumu ta’a jedhamee eeggama.
Galteen dhiyeessii oomishaa qonnaa Indaastirichaa godinaalee Oromiyaa garaagaraarraa kan dhiyaatu ta’uu ibsameera.
Abbootii qabeenyaa gara Indaastirichaatti dhufaniif mana jireenyaa dabalatee, bu’uuraaleen misoomaa barbaachisu hundi guuttamuu himameera.
Paarkichi waliigala lafa hektaara 271 irra kan qubate ta’uu ibsameera.
Fireehiyiwat Saffiiw fi Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.