Fana: At a Speed of Life!

Paarkiiwwan indaastirii hirmaannaa Sagantaa Ashaaraa magariisaa keessatti qaban cimsuuf hojjetamaa jira-Koorporeeshinicha

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Paarkiiwwan indaastirii hirmaannaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti qaban cimsuu fi guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Koorporeeshiniin Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa beeksise.

Hogganaan Kominikeeshinii koorporeeshinichaa Zaman Jondii, koorporeeshinichi ce’umsa caasaa dhugoomsuuf hojiilee hojjecha jiru cinaatti, eegumsa naannawaa fi qabeenya uumamaaf gumaachaa taasisuuf hojjechaa jira jedhan.

Waggoottan afran darban, sagantaa ashaaraa magariisaa gaggeeffamaniin paarkiiwwan indaastirii keessatti biqiltuuwwan miiliyoona 2 ol dhaabamuu himaniiru.

Biqiltuuwwan kanneeniifis kunuunsi barbaachisaan taasifamaa turuu yaadachiisanii, %90 ol latuu ibsaniiru.

Koorporeeshinichi barana sagantaa ashaaraa magariisaa gaggeeffamuun biqiltuuwwan gosa garaagaraa miiliyoona 1 ol dhaabuuf qophii taasisaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Fuuldurattis hirmaannaa paarkiiwwan indaastirii cimsuuf xiyyeeffanaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.