Fana: At a Speed of Life!

Paartichi Mul’ata Itiyoophiyaa Fakkeenya Badhaadhina Afrikaa taasiisuuf qabateen Injifannoo irraa injifannootti ce’aa jira – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa mul’ata Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasiisuuf qabateen injifannoo irraa injifannootti ce’aa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan ibsaniiru.
Obbo Fiqaaduun, Imalli badhaadhinaa qormaatileen kan dabaalame ta’us aarsaa jaalleewaniin aggaammii diinota alaafi keessaa qolannee injifannoo ajaa’ibaa galmeessuu dandeenyerra jedhan.
Konfiransiin Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa mata duree “Waadaa gochaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun Magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira.
Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftu Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan paartichi mul’ata Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasiisuuf qabateen injifannoo irraa injifannootti ce’aa jiraachuu eeraniiru.
Daandii ida’amuun galma badhaadhinaa milkeessuuf Itiyoophiyaa sabdaneettii ijaaruuf hojjetaama jiraachuu himaniiru.
Wabii midhaan nyaataa mirkaneesuu, carraa hojii bal’aa uumuuf ashaaraa seena qabeessa keenyera jedhan.
Jiruufi jireenyaa uummata wantoota fooyyessan hojjetee hojjechiisuun kutannnoon waadaa isaa gochaan mirkaneessaa jiraachuu dubbataniiru.
Rakkoolee jiran hunda gara carraatti jijjiiruun imala badhaadhinaa cimsinee itti fufna jedhan.
Ilaalchaafi gocha finxaalessummaa maqsuuf ciminaan hojjetamuu akka qabu dhaamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.