Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa hoggansa cimaa fi fudhatamaa qabuun hojiilee ijaarsaa biyyaa saffisisan raawwateera-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa hoggansaa cimaa fi fudhatama qabuun hojiilee ijaarsaa biyyaa saffisiisan raawwachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Walga’iin idilee Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa ture xumurameera.

Obbo Adam Faaraah kallattiilee walgahii idilee paartichaa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa tureen kaa’amee fi walga’ii miseensota koree giddugaleessaa paartichaa borurraa eegalee gaggeeffamu ilaalchisee TOI’f ibsa kennaniiru.

Hojiilee hawaasummaa, diinagdee, siyaasa fi dippilomaasii eegalame milkaa’inaan akka itti fufaniif hojii hooggansa paartichaa qulqulleessuu, cimsuu fi ijaaruu cimee itti fufa jedhaniiru.

Walgahii idilee Koree Hojii Raawwachiiftuu paartichi gaggeesseen bu’aalee damee siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii irratti galmaa’e gamaaggamuun kallattii fuulduraa kaa’uu ibsaniiru.

Damee siyaasaan dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an waliigalteen irraa hinga’amne karaa komishinii marii biyyaalessaan daandii dimokiraatawaan furuuf tattaaffiin eegalame gaarii ta’uu gamaaggameera jedhan.

Paartiin Badhaadhinaas marii hunda hammate akka taasisuufi waliigaltee biyyaalessaa waloo irra akka ga’amuuf gahee isaa akka bahatu kallattiin kaa’amuu eeraniiru.

Paartichi sirna dimokiraasii Ityoophiyaa diriirsuuf jecha, paartilee siyaasaa caasaa mootummaa keessatti hirmaachisuun, miirri walta’iinsaa akka uumamu taasiseera; kunis cimee itti fufa jedhaniiru.

Ityoophiyaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii walabaa akkasumas dimokiraasii ijaaruun bu’aa gaariin galmeessuu ibsaniiru.

Qaamolee qabsoo hidhannoo gaggeessa turan waliin karaa ammayyaa fi walitti bu’iinsa mala aadaan furuutiin marii gaggeessuun nageenyi waaraan akka mirkanaa’u tattaaffiin taasifamu korichi haala gaariin gamaaggamamuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti fedhii garee fi dhuunfaa galmaan gahuuf finxaaleyyii yaadan tokkummaa biyyaalessaa qoraa jiru jedhanii, bilisummaatti fayyadamuuf bilisummaa kanneen biroo kabajuu akka qaban ibsaniiru.

Olaantummaa seeraa fi heera mootummaa mirkaneessuuf, nageenya biyyaalessaa guutuu ta’e jabeessuu, dhaabbilee haqaa fi nageenyaa cimsuu, akkasumas waliigalteen dhugaaleen lammiileen Ityoophiyaa bakka olaanaa akka argatan taasiin barbaachisaa ta’uu kallattiin ka’amuu himaniiru.

Ji’oota 10 darban keessatti gama misooma haqa qabeessa ta’e mirkaneessuutiin diinagdeen hirmachisaan ijaaramaa jiraachuu Koreen Hojii Raawwachiiftuu mariichaan ilaaluu ibsaniiru.

Sirna dinagdee damee hedduu itti fufsiisuun milkaa’inaaleen galmaa’uu kaasanii, keessumaa bu’aa oomishtummaa qamadii irratti mul’ate milkaa’ina olaanaa ta’uu kaasuu ibsaniiru.

Sochii Itoophiyaan haa oomishtuun rakkoolee damee industirii furuun, oomishtummaa guddisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuun bu’aa jajjabeessaa galmeessee jira.

Pirojektootaa Maaddiin biyyaa fi kanneen biroon damee turizimii kakaasuu akka danda’e ibsuun, gama carraa hojii uumuun ji’oottan saglan darbanitti carraan hojii miiliyoona 2.4 uumamuu fi kunis cimee itti fufa jedhaniiru.

Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu, kontirobaandii ittisuuf, dabalataa gatii hinmallee dhabamsiisuuf fuuncaa gabaa oomishtootaa fi fayyadamtoota gidduu jiru hir’isuuf tarkaanfiiwwan ciccimoon akka fudhataman koreen hojii raawwachiiftuu paartichaa qajeelfama kenneera jedhan.

Ityoophiyaa keessatti badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf misooma hawaasummaa hunda hammate cimsuuf barnoota, fayyaa fi fayyadamummaa dargaggootaa fi dubartootaa irratti bu’aa jajjabeessaan galmaa’ee jira.

Fuulduraattis qulqullina barnootaa, haqaa fi fayyadamummaa walqixa kan bu’uureffateen dhaloota naamusaa fi jaalala biyyaqabu ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru.

Hojiilee dippilomaasii walta’iinsaa fi faayyadamummaa waloorratti bu’uureffataan bu’aa galmeessuu eeranii, biyyoota ollaatiif dursa kennuudhaan walitti dhufeenya diinagdee fi hariiroo ummataa cimsuuf tattaaffiin taasifamu itti fufa jedhaniiru.

Qajeeltoo “Rakkoolee Afrikaatiif furmaata Afrikaa” jedhu bu’aa waan argamsiiseef kunis cimee itti fufa jedhaniiru.

Dabalataanis, adeemsa dippilomaasii hunda galeessa madaalawaa ta’e hordofuun bilisummaa imaammata keenya kanneen morman qolachuun fayyadamummaa haqa qabeessaa akka hinmirkaneeffanneef dhiibbaawwan qoran ittisuu fi hojiin michummaa babal’isuu cimee akka itti fufu kallattiin kaa’amuu kaasaniiru.

Hojiileen siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee fi dippilomaasii Paartii Badhaadhinaan eegalaman milkaa’inaan akka itti fufaniif hojiin hooggansa paartichaa qulqulleessuu, cimsuu fi ijaaruu cimee itti fufa jedhaniiru.

Kalaqaa fi saffisa fayyadamuun gurmaa’ina, tokkummaa paartichaa cimsuu fi dimokiraasii jabeessuu akkasumas waadaan yeroo filannootti ummataaf galame bu’a qabeessummaan raawwachuun kallatti xiyyeeffannaa fuulduree ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.