Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Nageenya, badhaadhina hunda galeessaa fi fedhii bulchiinsa gaarii waaraan furuuf kan hojjetu Paartii Sabdaneessadha – obbo Adam Faraahin

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa badhaadhina hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf paartii muul’ata olaanaa qabatee imalaa jiru ta’uu itti Gaafatamaan Waajjira Muummee Paartichaa obbo Adam Faraahin ibsaniiru.
Obbo Adam Faaraahin haasawa baniinsaa Yaa’ii jalqabaa paartichaa taasiisaniin bakka buutoota paartii obboleeyyii biyyoota garaagaraarraa dhufanii fi hirmaattoota yaa’ichaa hundaan baga nagaan dhuftan jedhaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa Nageenya, badhaadhina hunda galeessaa fi fedhii bulchiinsa gaarii waaraan furuuf kan hojjetu Paartii Sabdaneessadha jedhan.
Paartii Badhaadhinaa jijjiirrama keessatti paartii dhalate ta’us qormaata keessa taa’ee paartii jijjiirrama guddaa fidaa jiru ta’uu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa galma qabatee ka’e akka hin milkeessine diinoonni keessaa fi alaa imala isaa gufachiisuuf tattaaffii guddaa taasiisaniis ga’umsa olaanaan rakkoolee mudatan injifachaa imala isaa itti fufuu kaasaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.