Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa murtiiwwan dabarse

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa koonfaransii guyyootii lamaaf gaggeessen murtiiwwan addaddaa dabarse.

Koonfaransiin miseensa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa guyyoota lamaan darbaniif deemsifamaa ture, hoggantoota paartichaa ol’aanoo sadii koree giddu galeessaarraa ittiseera.

Haaluma kanaan obbo Lammaa Magarsaa, Dooktar Milkeessaa Miidhagaa fi aadde Xayibaa Hasan miseensa koree giddu galeessaa paartichaarraa akka dhorkamaniif murteessera.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa galgala miidiyaaf kennaniin paartichi rakkoo gurguddoo adda baafatee kallattiiwwanii fi murtiiwwan adda addaa akka dabarse himaniiru.

Koonfaransichi humni Adda Bilisummaa Umjmata Tigraay(ABUT) fi ABO Shanee, akkasumas kanneen biroon humna alaa waliin walitti hidhamiinsa uumudhaan gocha faayidaa biyyaa fi ummataa miidhuu fi jeequmsa babal’isu raawwachaa jiraachuu adda baafachuusaa eeran.

Kanumafaana, walitti makamiinsi ilaalchaa fi gochaa keessoo paartiitti hoggansaa fi miseensa muraasa biratti mul’atus rakkoo guddoo isa biroo akka ta’e ibsaniiru.

Jeequmsa tibbana naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti ajjeefamuu artisti Haacaaluu Hundeessaan booda uumame ilaalchisee koonfaransichi gaddi guddaan kan itti dhagaa’amee fi cimsee kan balaaleffate akka ta’e obbo Fiqaaduu Tasammaan ibsaniiru.

Gocha hammeenyaa fi gara jabinaa lubbuu namaa fi qabeenyarra ga’erratti hojiin ol’aantummaa seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

Kanaan walqabatee namoota yakkaan shakkamanii to’atamaniin cinaatti, hoggantoota dhibbaatamaan lakkaa’anii fi ga’ee isaanii bahachuu dhaban irratti tarkaanfiin seeraa fi siyaasaa fudhatamaa kan jiru ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.