Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Paartii qabsoo hadhaawaa ummatichaan dhaloota haaraa caba kaleessaa wal’aanuuf umameedha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC) – Injifannoon waggoota darban galmeessine cabiinsi diinagdeefi siyaasaa fayyuu akka danda’u mul’iseera jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Paartiin Badhaadhinaa paartii qormaata keessatti hanqinaalee mudataa turanirraa barachaa dhaloota ida’amee fi badhaadhe ijaaruuf hojjetaa jiruudhaa jedhan Obbo Shimallis Abdiisaan.

‘Waadaa Gochatti Jijjiiruun Fayyadamummaa Uummata Keenyaa Mirkaneessuu Eegalle Daran Cimsuun Badhaadhina Itiyoophiyaa ni Mirkaneessina” Dhaadannoo jedhuun konfiransiin paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti taa’amaa jira.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii Qabsoo hadhaawaa ummatichaa dhaloota haaraan caba kaleessaa wal’aanuuf umamee kan jedhan Obbo Shimallis Abdiisaan, cabiinsa biyyaafi dhalootaa waggoota dheeraa akka naannoofi biyyaatti nu mudate fayyisaa jirra jechuu ibsaniiru.

Paartiin badhaadhina paartii biyyarra darbee akka Afrikaatti paartii guddaafi miseensoota miiliyoona 13 ol horateera, miseensa paartii dhaloota haaraa ta’uu eeraniiru.

Bu’aa ba’ii hawaasichi biyyaasaa ijaaruuf keessa darbe aarsaan kanfalaa tureefi injifannoonsaa diinaan akka hin butamneef tattaaffiin gochaa ture galateeffataniiru.

Ammas aantummaa ummataa qabnu qabtamaan agarsiisuun uummata keenyaaf wabii tahuu qabna

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaadu Tasammaan gamasaaniin Paartichi injifannoowwan galaa dhalootaa ta’an galmeessisaa jiraatus keessaafi Alaan qormaatilee mudatan uummata qabannee ni ceenaa jedhan.

Fayyadamummaa hawaas-dinagdee fi siyaasaa uummataa keenyaa seenassa qeenxee keessaa bahuun waloomaan utubaa daandii ida’amuu qabannee waadaa uummata naannoofi biyya keenyaaf gallee qabtamaan ni mirkaneessinas jedhan.

Gammachiis Taarikuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.