Fana: At a Speed of Life!

Pilaanii magaalotaa kabachiisuu dhabuun rakkoo hammaataa magaalotaa naannoo keenyaa ta’ee Jira- Dooktar Daadhii Wadaajoo

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Dooktar Daadhii Wadaajoo Pilaanii magaalotaa kabachiisuu dhabuun rakkoo hammaataa magaalotaa naannoo keenyaa ta’ee Jira jedhan.

Leenjiin humna raawwachiisummaaogeessota pilaanii magaalaa cimsuu wal-ta’insa Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraashinii Federaalaa fi Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaatiin qophaa’e ogeeyyii magaloota pilaanii bu’uuraan hogganamaniif kennamaa jira.

leenjicharratti argamuun haasaa kan taasisan Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Dooktar Daadhii Wadaajoo yeroo amma kanatti guddina hawaas diinagdee fi badhaadhina jiraattoota magalootaa milkoomsuuf magaalotni pilaaniin hoogganamuun murteessa ta’uu eeraniiru.

Kanaanis magaalonni naanichaa harki caalaan Pilaanii qophaa’eef hojii irra oolchuun fayyadamummaa jiraattota magaalaaf haa gumachaniyyuu malee pilaanii magaalotaa kabachiisuu dhabuun rakkoo hammataa magaalota naannoo keenyaa ta’ee jira jedhaniiru.

Rakkoo kana furuufis abbaan Pilaanii magaalotaa waan ta’aniif hoji irra oolmaa pilaanii magaalaafhooggansa, ogeessotaa fi jiraattota magaalaa ciminaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru

Leenjii guyyaa har’aa ogeessota pilaanii magaalaa bu’uuraa hoogganamaniif kennamuu eegaale kun guyyota walitti aanaan shaniif dhimmoota garaagaraa irratti kan kennamuuf ta’a.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.