Fana: At a Speed of Life!

“Pilaanin Magaalaa lafa akka hin buuneef sababni ijaarsa seeraan alaati’’ – Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Buraayyuu ijaarsa seeraan alaafi saaminsa lafaa xiqqeessuuf hawaasa magaalitti 6000 ol ta’aniif hubannoo uumeera.

Kanaanis, caasaalee magaalichaa waliin marii geggeessuu hojii geggeessaa magaalichaa obbo Taaddasaa Baahiruu Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif addatti ibsa keenanii jiru.

Bara kanas, manneen seeraan ala ijaaramaniif saamaman hordofuun gara baankii lafaattii akka deebi’uuf lafti hekrtaarri 32 karoofamuun hanga kurmaana 1ffaatti lafti hektarri 9.6 baankii lafaatti galii ta’uu namoota seera cabsan 60 irratti tarkaanfii ol’aantummaa seeraa fudhatamuu obboTaaddasaan himaniiru.

Ijaarsi seeraan alaa kunis Pilaanin magaalichaa seeraan akka lafa hin buuneef danqaa ta’uun miidhagina magaalaa akkasumas bakkeewwan magariisaa irratti dhiibbaa uumee jiraachuu himaniiru.

Hoggansi jirus itti fufiinsaan hogganuu,to’achuufi bulchuu irratti hanqinni waan jiruuf qooda fudhattootni eeruu barbaachisu akka taasisan bulchiinsi magaalicha gaafatee jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.