Fana: At a Speed of Life!

Pireezdaanti Putiin sirna waadaa galuu raawwatan

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Pireezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waggoota 6 itti aanaan biyyattii bulchuuf sirna waadaa galuu raawwataniiru.

Putiin bakka deeggartoonni, miseensonni Mana Maree biyyattii, hoggantoonni biyyoota garaagaraa, Dippiloomaatoonnii fi keessummoonni waamichi taasiifamee argamanitti waadaa galaniiru.

Bara Faranjootaa 1999 eegalee Raashiyaa bulchaa kan jiran Pireezidaanti Putiin Birmadummaa Daangaa biyyattii kabachiisuu fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf waadaa galuu Aljazeeran gabaaseera.

Pireezidaanti Putiin filannoo torbee sadi dura gaggeeffameen sagalee % 85 argachuun injifachuun isaanii kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.