Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin naannoo Amaaraa ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ayyaana bara haaraa 2016 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Gaaffilee ummataa deebisuuf murannoon ni hojjenna jedhan.

Bara 2015 keessa rakkooleen keessoo fi alaa mudatanis abbootii qabeenyaa hawwachuun misooma diinagdee babal’isuuf hojjetamaa turuu dubbataniiru.

Naannichatti yeroo ammaa nageenyi bu’aa jiraachuu dubbataniiru.

Rakkoolee jiran adda baasuun furuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Tokkummaa fi walummaan misooma ummata naannichaa madaalu hojjechuuf hundi hirmaachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Garaagartee siyaasaa jiru marii fi waldhaggeeffachuun furuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Barri haaraan bara gammachuu, badhaadhinaa, dhiifamaa, nageenyaa fi araaraa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.