Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Saahilawarqi Zawudeen Ityoophiyaatti Bakka Bu’aa UNESCO waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen Ityoophiyaatti Bakka Buutuu Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii Fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO ) fi Dhaabbatichatti Waamamtuu Komishinii Diinagdee Afrikaa Riitaa Bisooneez waliin mar’ataniiru.

Dhaabbilee waamamtoonni, Afrikaatti bara 2022 hanga 2029tti imaammataa hojiirra oolchuuf karoorfatan irratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Dabalataanis, “Gabaasa carraa egeree barnootaa Saahilawarqi” ilaalchisuun mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen waggoota lamaaf walitti qabduu Koomishinii Carraa Egeree Barnootaa Idil Addunyaa turuun ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.