Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantonni Naannolee ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsan

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)-Pireezidaantonni naannolee garaagaraa ayyaanaa Qillee Sabaeeffachuun ergaa Baga ittiin isiin gahee dabarsaniiru.

Haaluma kanaan Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umod Ujuluun ergaa dbarsaniin, Ayyaanaa Qillee baranaa injifannoowwan hedduu qormaata keessa darbuun galmaa’een dabaalamee tokkummaa sabdaneessummaa ayyaan kabajamuudha jedhan.

Ayyaanni Qillee kunis Itiyoophiyaanonnii hariiroo gidduu isaanii haala cimsuun kabajuu akka qabn ibsaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbaddaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin Ayyaana Qillee wayita kabajnu laammiilee rakkatan deeggaruun ta’uu akka qabu himan.

Gama biraatiin Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juhaar, Ayyaana Qillee yommuu kabajnu walitti dhufuun maaddii waliin qooddachuun, kan rakkate gargaaruu, kan dhukkubsate kan itti gaafannu, manguddoota kan ittii kunuunsinu, kan itti waliif yaannu akka ta’u abdiin qaba jedhan.

Dabalataan, waamicha Dhaloota 2ffaaf Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad taasisaniin lammiileen carraa kanatti fayyadamanii biyya ofii, maatii fi firoottan isaanii waliin akka Ayyaana Qillee kabajaan dhaamaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoonis ergaa dabrsaniin, ayyaanichaa wayita harka qalleeyyii gaafachuu fi duudhaalee waliin jireenya cimsaniin kabajamuun barbachisa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.