Fana: At a Speed of Life!

Pirezidaantonni naannolee ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Tarbaayinni 2ffaan Hidha Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaa anniisaa maddisiisuu eegaluusaatiin Pirezidaantonni naannolee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pirezidaantonni naannolee Amaaraa,Afaar, Gambeellaa, Harar, Benishaangul Gumuziifi Kantiibaan Magaalaa Finfinnee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Tarbaayinni 2ffaan hidhichaa anniisaa maddisiisuu eegaluun bu’aa tokkummaafi injifannoo waloo Ityoophiyaanotaa ta’uu pirezidaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa ibsaniiru.

Yoo waldeeggarreefi waltumsine hojiin misoomaa nuti hin milkeessine hin jiru kanaaf ammaa Hidhi haaromsaa agarsiistuudha  jedhaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaan gamasaaniin, tarbaayinii 2ffaan hidhichaa anniisaa maddisiisuusaatti gammaduu eeraniiru.

Guyyaan har’aa Ityoophiyaanotaaf adda ta’uu ibsuun, Uummata biyyattii maraan baga gammaddan jedhaniiru.

Hidhichi mallattoo injifannoo, obbolummaafi waliin misoomuu ta’uu eeraniiru.

Pirezidaantiin naannoo Gambeellaa obbo Umud Ujuluun,Tarbaayiniin 2ffaa hidhichaa anniisaa maddisiisuu eegaluun faajjii injifannoofi bu’aa tokkummaa keenya jedhaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Odriin Badriis Uummata Ityoophiyaa fi jiraattota naannichaa hundaan baga gammaddan jedhan.

Taarbaayinni 2ffaa hidhichaa anniisaa maddisiisuu eegaluun abdiifi yeroo ifaa egeree biyyattii kan mirkaneessu ta’uu Pirezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen, tarbaayinni 2ffaan hidhichaa anniisaa maddisiisuu eegaluusaan ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.