Fana: At a Speed of Life!

Piriimaayeer Liigii Ingilaandiin har’a taphoonni murteessoon ni taphatamu

Finfinnee, Caamsaa 6, 2015 (FBC) – Piriimaayeer Liigii Ingilaandiin taphni har’a Eevartan Maanchiisteer Siitii, Arsenaal Biraayitan waliin taasiisan akkaan eegama.

Taphni waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegaluun Eevartan sodaa gara liigii gadiitti bu’uuf qabu hambisuuf, Maanchiisteer Siitiin ammoo Waancaa piriimaayeer ligichaa fudhachuuf falmiin taasiisan hordoftoota Kubbaa Miilaa birratti akkaan eegama.

Akkasumas galgala sa’aatii 12:30 irraa eegalee morkiin Arsenaal Biraayitan waliin taasiisu si’oominaan eegama.

Arsenaal carraa Waancaa fudhachuu bal’ifachuuf, Biraayitan ammoo carraa hirmaannaa Liigii Awurooppaa argachuuf taphni gaggeessan ni eegama.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.