Fana: At a Speed of Life!

Pirimeerliigii Ingilaand torbee 34ffaa dubbii jabaaf eegamu

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)-Taphni pirimeerliigii Ingilaand torbee 34ffaan kilaboota gurguddoo Addunyaa kubbaa miilaan daran eegaman Arseenaalii fi Maanchistar Yuunaayitidiin wal-falmisiisa.

Arseenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid yeroo jalqabaaf bara 1894 kan wal argan yoo tahu, yeroo 236 falmiin jabaan miiraan deeggertoota kilaboota lamanii galaana kubbaa miilaa daaksisu gaggeeffameera.

Har’a yeroo 237ffaaf beellamni jabaa dubbii kubbaa miilaan Arseenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid qabatan sa’atii laaqanaa dabarsee sa’atii 8:30’tti dirreen Arseenaal Filaay Eemiratis Dhukaastoota warra Arseenaaliifi Seexanoota Diddimoo warra Maanchistar Yuunaayitid keessummeessuuf walitti waameera.

Kilaboonni laman Arseenaaliifi Maanchistar Yuunayitid seenaa kubbaa miilaa jabaa fi dheeraa wal-biraa qabu.

Keessumattuu bara 1990 keessa gara dhumaarraa eegalee umriin leenjisummaa Arseen Veengeerii fi Siir-Aleex Farguseen kilaboota lamaaniif ashaaraa addaa ka’ee darbeera.

Beellama har’a qabaniin kilaboonni laman waancaaf osoo hintaane hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dhufuu argachuuf ijibbaata kubbaa miilaaf dirreerra foolatuun tilmaama jabaa argataniiru.

Iddoosaa Abdiitiin

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.