Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin bishaan dhugaatii Laga Daadhii Birrii biiliyoona 4 oliin hojjetame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Jilli Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen durfamu Piroojektiin bishaan dhugaatii Laga Daadhii marsaa 2ffaa eebbisiiseera.

Bulchiinsi magaalaacFinfinnee piroojektoota garaagaraa waggoota sadan darban keessa fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti hojjechiisaa jira.

Piroojektiin Bishaan Dhugaatii Birrii biiliyoona 4.2 hojjetame kun guyyaan bishaan Meetir Kiiyuubii kuma 86 ol oomishuu danda’a jedhame

Boollawwan gadi fagoo 16 fi kuusawaan tokkoon tokkoon isaanii bishaan meetir kiiyuubii kuma 2 hanga kuma 5 qabachuu danda’an 10 qaba jedhameera.

Piroojektoonni kunneen hamma bishaanii guyyaan magaalichi oomishaa ture kuma dhibba 6 fi kuma 74 irraa gara kuma dhibba 7 fi kuma 60tti ol kan guddisu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.