Fana: At a Speed of Life!

Pool Poogbaan waggoota afuriif tapha Kubbaa miilaarraa dhorkame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC) – Taphataan sarara gidduu duraan Maanchiisteer Yuunaayitiid Pool Poogbaan dawaa si’eessituu fayyadamee argamuu isaan waggoota afuriif tapha kubbaa miilaarraa dhorkamuu dhagahame.

Dhaabbanni Farra qoricha si’eessituu biyyaalessa Xaaliyaanii Baatii fulbaanaa darbee kaasee qorannoo gaggeessaa turuun eerameera.

Qorannoo taasifameen Poogbaan dawaa si’eessituu kana fayyadamuu mirkanaa’uu BBCn gabaaseera.

Taphataan kun dhaabbata farra si’eessituu biyyaalesa Xaaliyaanitti iyyannoo dhiyeeffatus dhaabbatichi iyyaannoo isaa kuffisuun murtoo kana dabarseera.

Bu’uura kanaan Poogbaan hanga Bara Faranjootaa 2027tti tapha kamuu akka hin taphanne dhorkameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.