Fana: At a Speed of Life!

Poolisii Federaalaa itti gaafatamummaa heera mootummaan itti kenname haalaan ba’achaa jira jedhame

Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Poolisiin Federaalaa itti gaafatamummaa heera mootummaan itti kenname haalaan ba’achaa jiraachuu hoggantoonni olaanoon dhaabbatichaa ibsan.

Hoggantoonni olaanoon Poolisii Federaalaa haala yeroo nageenya biyyaalessaarratti mari’achuu ibsameera.

Dhaabbatichi itti gaafatamummaa heera mootummaan itti laatame haalaan ba’achaa jiraachuu gamaaggamamuu eerameera.

Waltajjicharratti hoggantoonni qajeelchaafi qajeelcha waliigalaa hirmaachuu kan eerame yoo ta’u, haala yeroo nageenya biyyaalessaarratti marii bal’aan taasifamuu eerameera.

Hojiin nageenya kabachiisuu daran cimee kan itti fufu ta’uu hoggantoonni kunneen ibsuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.