Fana: At a Speed of Life!

Poolisii Oromiyaa hanqinootaa fi ciminoota raawwii hojiirratti mudatan qorate

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa hanqinootaa fi ciminoota raawwii hojiirratti mudatan qorate.

Waltajjiin gamaaggama hojii hoggansa koomiishinichaa, hoggontotaa qajeelcha poolisii godinaalee fi koolleejii poolisii Oromiyaa gara garaa hirmaachise magaalaa Adaamaa mooraa Koolleejii Poolisii Oromiyaatti gaggeeffameera.

Hoggansi godinaa haala jiru erga qorateen booda, maanaajimantiin Koomiishinii Poolisii Oromiyaa hoggantoota qajeelcha poolisii godinaatii fi Koolleejii Poolisii Oromiyaa bakka tokkotti fiduudhaan ciminootaa fi dadhabina ka’an irratti mari’ataniiru.

Waltajjichaan ciminoota ka’an itti fufsiisuuf, dadhabina keessoo muul’atan ammoo furuuf kallattiin kaa’ameera.

Koomiishinar Jeneraalli Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa waltajjicharratti argamuun, poolisiin ummata keessa jiraata, ummataan jiraata; ummataaf jiraata jedhan.

Koomiishinarri Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Koomishinar Dachaasaa Bitimaan gama isaanitiin ciminoota ka’an yoo ilaallu wanti abdii namatti horu jira; rokkowwan ka’an furuuf tumsi waloo ni barbaachisa jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.