Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin ilaalcha siyaasaa kamiiyyuurra bilisa ta’ee milkaa’ina filannoof hojjechuu qaba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Poolisiin ilaalcha siyaasaa kamiiyyuurra bilisa ta’ee milkaa’iina filannoof hojjechuu akka qabu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksiise.
Filannoon Biyyaaleessaa Marsaa 6ffaan naannoo Oromiyaa keessatti karaa nagaa akka gaggeeffamuuf Poolisiin Xiyyeeffannoo kennee hojjachu akka qabu ibsameera.
Leenjiin hubannoo walii galaa qajeelfama filannoo irratti qophaa’e hoggantoota poolisii godinaalee fi magaalotaaf magaalaa Bishooftuutti kennamaa jira.
Komishinarri Poolisii idilee Komishiinii Poolisii Oromiyaa obbo Musxafaa kadir Poolisiin ilaalcha siyaasaa fi loogii kamiiyyuurraa bilisa ta’uun milkaa’ina filannoof hojjachuu qaba jedhan.
Akka naannoo Oromiyaatti buufanni filannoo kumni 17 fi 623 jiraachuus ibsameera.
Filannitto rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka xummuramuuf qophiin barbaachisu taasiifamaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.