Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Isaayyaas paarkii Inxooxxoo daawwata jiru

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa hojii guyyoota 3f Ityoophiyaatti taasisaa jiraaniin Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad paarkii Inxooxxoo daawwachiisa jiru.

Preezdaantichi paarkii Inxooxxoo tibba kana eebbifamee proojaktichi osoo hin eegaliin dura, erga ijaarsiisaa eegalee fi daawwanaa xumuraa paarkichaa dabalatee yeroo 3ffaaf daawwataniiru.

Ijaarsii paarkii Inxooxxoo waggaa tokkoof kan ture yoo ta’u, Fulbaana 30, 2013 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamee uumataaf banaa ta’uun isaa ni yaadatama.

Akka gabaasa EBCtti hooggantonni lameen guyyoota lamaan darbaniitti proojaktii humna eleektiriikaa Kooyishaa fi hidha Haaromsaa guddichaa dabalatee hojiiwwan misooma garaagaraa daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.