Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Ismaa’eel Oomar Giilleen waliigaltee Hararii fi Artaa dinqisiifatan

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Jibuutii Ismaa’eel Oomar Giilleen waliigaltee magaalaan Hararii fi Artaan taasisan dinqisiifatan.
 
Preezdaant Ismaa’eel Oomar Giilleen kaleessa Amajjii 14 jila preezdaantii naannoo Hararii obbo Oordiin Badriitin duurfame waajjira isaaniitti simatanii mariisisaniiru.
 
Marii isaanitiinis waliigaltee obbolummaa magaalaan Artaa fi Harar irra ga’an dinqisiifataniiru.
 
Magaalaan hambaa addunyaa taatee galmoofte Harar hojiilee qorannaa fi qo’annoo barnootaa keessatti ga’ee olaanaa kan ba’attu ta’uu ibsaniiru.
 
Magaalonni lamaan muuxannoo fi carraalee gaggaarii jiran walii qooduun, guddina biyyaa keessatti ga’ee isaanii kan taphatan ta’uu ibsaniiru preezdaant Ismaa’eel Oomar Giilleen.
 
Obbo Oordiin Badriin gama isaanitiin lammiileen Jibuutii magaalaa Harar akka daawwatan gaafataniiru.
 
Magaalaan Hararii fi Artaan barnoota, qorannoo fi qo’annoo, aadaa, daldalaa fi qonnarratti waliin hojjechuuf waliigaltee walii mallatteessan isaanii ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.