Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Joo Baayidan ajeja qoqqoobbii Ityoophiyaarratti dabarsan akka haqan gaafatame

Preezdaant Joo Baayidan ajeja qoqqoobbii Ityoophiyaarratti dabarsan akka haqan gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 9,2014 (FBC)_ Ameerikaatti Manni Maree lammiilee Ityoophiyaa Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ajeja qoqqoobbii Ityoophiyaarratti dabarsan akka haqan gaafate.

Ajejni Preezdaant Joo Baayidan dabarsan haala qabatamaa Ityoophiyaa kan hin hubanne ta’uu isaan manni marichaa ajeja darbe cimsee kan balaalleeffateera.

Sababa Mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaaneessuuf garee shororkeessaa ABUT irratti fudhateen qoqqoobiin kaa’ame sirrii kan hin taane ta’uu manni marichaa ibseera.

Ajejni bulchiinsi Baayidan dabarse birmadummaa Ityoophiyaa ifatti kan sarbe ta’uu manni marichaa himeera.

Murtoon darbe hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan miidhu ta’uu fi nageenya gaanfa Afrikaaf bu’aan buusu kan hin jirre ta’uus eereera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.