Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawaq sirna awwaalchaa Daani’eel Araap Mooy irratti hirmaachaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa preezdaantii FDRI Saahilawaq Zawdeetin duurfamu sirna awwaalchaa preezdaantii Keeniyaa duraanii Daani’eel Araap Mooy irratti hirmaachaa jira.

Sirni awwaalchaa preezdaantii Keeniyaa duraanii Daani’eel Araap Mooy guyyaa har’aa raawwatama.

Jilli kun ganama har’aa yeroo Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Joomoo Keeniyaata ga’uu, ministirri Tuuriizimii fi Bineensota Bosonaa Keeniyaa Najiib Baalaalaa fi aanga’oonni olaanoon biyyattii, akkasumas Imbaasii FDRI Keeniyaatti Ambaasaaddarri guutuu Mallas Alamii fi diippiloomaatonni imbaasichaa simannaa godhaniifiru.

Preezdaant Saahilawarq, preezdaantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaaf boqachuu Daani’eel Araap Mooyif gadda itti dhaga’ame maqaa ummata Ityoophiyaatin ergaa dabarsaniiru.

Preezdaantiin duraanii Keeniyaa kun bilisummaa Keeniyaa fi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa hundeessuuf, akkasumas nagenya aardichaaf ga’ee olaanaa ba’uu isaanii preezdaant Saahilawarq dubbataniiru.

Lubbuun isaanii darbus hojiin isaan ummata Keeniyaa fi Afrikaaf hojjetan bara baraan kan yaadatamudha jedhaniiru preezdaant Saahilawarq.

Preezdaant Saahilawarq maatii, firoottanii fi mootummaa Keeniyaatif jajjabina hawwaniiru.

Daani’eel Araap Mooy Keeniyaan bilisa ega baaten booda preezdaantii lammaffaa ta’uudhan, biyyattii waggoota 24f tajaajiluudhan umrii isaanii 95ffaatti boqataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.