Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa Afrikaarraan ga’u ittisuuf sagantaa qabeenya walitti qabuurratti hirmaatan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa Afrikaarraan ga’u ittisuuf sagantaa qabeenya walitti qabuu viidiyoo koonfaransiin qophaa’eerratti hirmaatan.
 
Waltajijjarratti ergamoonni addaa gamtaa Afrikaa gabaasa isaanii dhiyeessaniiru.
 
Sirna qabeenya walitti qabuu fi itti fayyadamaa qabeenyaa bu’aa qabeessa ta’e diriirsuun Ardii Afrikaa tokkoome fi sagalee tokkoo qabu taasisuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu ibsameera.
 
Waltajjii kanarratti hoggantoota biyyoota Ardii Afrikaa dabalatee, hoggantoonni duraanii dhaabbilee idil addunyaa hirmaachuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.