Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Ministira Alaa Ostiriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ostiriyaa Aleeksaandar Shaaleeksaandar waliin mari’ataniiru.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamee fi dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanirratti xiyyeeffachuun marii taasiisaniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 100 ol kan lakkoofse ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaan jaarraa 19ffaa keessa maallaqa maqaa mootii Ostiriyaa Maariiyaa Teereezaan moggaafameen fayyadamaa turuu ishee ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.