Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq namoota harka qalleeyyii kuma 2 oliif deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ayyaanaaf kan ta’u namoota harka qalleeyyii kuma 2 oliif deeggarsa midhaan nyaataa taasiisaniiru.
Deeggarsa Gamtaa Awuroopparraa gama Preezdaant Saahilawarqiin argame dubartoota jireenya gadi aanaa keessa jiraatan kuma 2 fi 400f midhaan nyaataa Ayyaanaaf oolu laatameera.
Deeggarsi kun dubartoota sadarkaa jireenya gadi aanaa keessatti argaman kanneen hojii daldalaa garaagaraa hojjechuun maatii bulchaa jiran miidhaa weerara vaayrasii koroonaan irra qaqqabe hir’isuuf kan taasiifame ta’uu ibsameera.
Akka EBCn gabaasaatti,dubartoota kanneeniif deeggarsa midhaan nyaataa dabalataan meeshaaleen qulqullinaa laatameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.