Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimalliis Abdiisaan hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin baga ayyaana Faasikaa geessan jedhan

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin baga ayyaana Faasikaa geessan jedhaniiru.
Guutuun ergicha akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Duraan dursee, hordoftoota amantaa Kiristaanaa naannoofi biyya keenyaa hundaan baga ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos bara 2013 nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun fedha.
Ayyaanni Faasikaa guyyaa aarsaa araaraafi dhiifamuu cubbuu dhala namaa ta’uutu lallabama. Iyyasuus Kiristoos sirna Faasikaa akka aadaa warra Yihuudotaatti waggaatti yeroo tokko dhiiga korommiifi re’ootaatiin mana qulqullummaatti dhiyaatu, aarsaa dhiigasaa yeroo tokkootiin kan bakka itti buuseedha. Wareegamni Kiristoos araaraafi dhiifama cubbuu ilmaan namaatiif kaffale kun, aarsaa gatii jabeessa dhala namaarraa abaarsa cabse, du’arraa gara jireenyaatti deebiseefi keenyan jibbiinsaa diige ta’uutu amanama.
Kabajamtoota Hordoftoota amantaa Kiristaanaa Naannoofi Biyya Keenyaa,
Aarsaan dhiiga Yesuus Kiristoos Macaafa qulqulluu keessatti akka sanada kakuu haaraa araaraafi dhiifama cubbuu ilmaan namaatiif dhiyaateetti ilaalamu kun, akka qajeeltoo guddicha kenna tajaajila lammummaa tokkotti kan ilaalamuudha. Macaafa qulqulluu keessatti, “Jal’ina isaaniitti isaan nan maara, cubbuu isaanii deebi’ee hin yaadadhu” kan jedhu barraa’eera. Kana malees, “Kiristoos cubbuu namoota baay’ee baachuudhaaf al-tokko aarsaa ta’ee dhiyeeffame;” kan jedhutu jira. Aarsaan lubbuu kun daran gatii jabeessaafi icciitii jaalalaa guddaa kan qabuudha. Waan kennaniif deebii eeggachuu, waan gumaachaniif kan bakka bu’u barbaaddachuu kan of keessaa qabu miti. Kanaafuu, dhaloonni har’aa iddoo ofittummaa gara-laafina, iddoo doqnummaa arjooma, iddoo qofummaa walooma, iddoo wal-caalmaa walqixxummaa, iddoo gadoofi jibbiinsaa araara, jaalalaafi dhiifama bakka buusuudhaan waliif dhimmuu akka qabnu kan nu barsiisuudha.
Barsiisa amantaa Kiristaanaa keessatti Iyyasuus Kiristoos harka angafootaafi barsiisota Yihudotaatti dabarfamee kennamuudhaan gidiraa gurguddaa kan baateefi muka fannootti kan ol bahe ta’uun barraa’eera. Luboonniifi barsiisonni Yihuudotaa murtii du’aatiif wayita daddeebisan reebichaafi daddarbannaa irraan ga’uun qaamasaa akka urreessan macaafni qulqulluun ni hima. Fuula mooticha Philaaxoositti dhiyeessuun himata adda addaa akka irratti bananiifi irratti wacanis barraa’eera.
Yeroon Yesuusiin qabanii fuula Philaaxoosiifi Heroodis dura itti naannessan kun tibba ayyaanni Faasikaa akka aadaa warra Yihudotaatti horii gara mana qulqullummaatti geessuudhaan karaa angafa lubootaa aarsaa dhiigaa itti dhiyeessan ture. Ayyaana Faasikaa kana sababeeffachuun waggaatti yeroo tokko mootiin Yihuudaa namoota yakka hojjetanii hidhaman keessaa tokko gadi lakkisa ture. Philaaxoos Yesuusirratti yakka hin agarre jedhee gadi lakkisuuf wayita garaa hiretti, warri Yesuusiin ajjeesuuf fedhan shiftaa hamaan Barbaan jedhamu akka gadi lakkifamuufi Yesuus cubbuufi yakka isaa malee akka fannifamu cimsanii gaafatan. Haata’u malee, Yesuus muka fannootti erga ol bahee kadhata addaa, “Yaa Abbaa waan godhan hin beekanii dhiisiif!” jedhu kadhateef.
Kabajamtoota Hordoftoota amantaa Kiristaanaa Naannoofi Biyya Keenyaa,
Har’a wayita yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoosiifi ayyaana Faasikaa kabajannu, dhimmoonni qajeeltoo jireenya keenyaa guyyaa guyyaa godhannu hedduutu jira. Bara finxaalessummaan amantaa, sabaafi dinagdee sadarkaa sodaachisaadhaan addunyaa keenya qoraa jiru kanatti barsiisni amantaafi amantiiwwan ummata keenyaa kun dhaabbata qabannee lafaa ittiin kaanu guddaadha. Sababnisaa, madaalli dhugaa akka hin dabne, haqi akka hin haqanqalamne, sobni akka iddoo hin qabanneefi dhaloonni naamusa sirriidhaan akka guddatuuf qooda ol’aanaa gumaacha. Hundaa ol ammoo, meeshaa gadoo dagannee, jibba lagannee, araaraafi jaalala moosisuuf itti fayyadamnuudha.
Carraa kanatti fayyadamee, har’a wayita ayyaana kana kabajannu dhimmoota gurguddaa sadii akka yaadannu dhaamuun fedha. Dursarratti addunyaan keenya yeroo ammaa garaagartummaa bifaa, amantaa, gosaafi biyyaa malee dhibee COVID-19tiin qoramaa jirti. Xiqqaafi guddaa, hayyuufi ogeeyyii hedduu dhabneerra. Sochiin dinagdeefi hawaasummaa keenyas daran qorameera. Kanaafuu, umriifi humna gaaga’ama dhibeen kun geessisuu hir’isuuf of eeggannoo cimsuu qabna. Ayyaana guyyaa tokko kabajannuuf jennee maatiifi biyya keenyarratti dhiibbaa dabalataa fiduu akka hin qabne yaadachiisaa, qajeelfama of eeggannoo seektera fayyaatiin darban hunda hojiirra oolchuu akka qabnu dhaamuun fedha.
Itti aansee, dhimmi nageenyaafi tasgabbii ajandaa ijoo hojii hunda keenyaa barbaaduudha. Duudhaa, amantaafi aadaan ummata keenyaa martinuu nageenya labsa. Haata’u malee, taatonni shororkaa misoomaafi guddina biyya keenyaa hin barbaanne keessaafi alaa walitti hidhatanii hojjechaa jiru. Keessattuu bara kana filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaa biyyi keenya geggeessitu gufachiisuuf wixxifachuurratti argamu. Fedhiifi hawwiin diigumsaafi walfixiinsaa humnoota kanneenii hanga ammaatti gamtaa irree ummata keenyaatiin fashala’aa dhufeera. Ammas taanaan, karoorriifi akeekni humnoota farreen nageenyaa akka maseenuufi summii isaan qopheessan akka dhangala’uuf qindoofnee hojjechuu akka qabnu cimseen dhaama.
Xumurarrattis, aadaa waltumsaafi walgargaarsaa qabnutti fayyadamnee harka-qalleeyyii bira akka dhaabbannuufi waan qabnurraa akka waliin soorannu yaadachiisaa, ayyaanni kan nagaa, kan gammachuufi kan badhaadhinaa akka isiniif ta’un dhaama.
Ayyaana gaarii!
Ob. Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantii BMNO
Ebla 2013
Finfinnee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.