Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq zawdeen dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf biyyoonni dandeettii qaban deebii laachuu akka qaban gaafatan

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Preezdaanti Saahilawarqi zawdee dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf biyyoonni dandeettii qabaniin deebii laachuu akka qaban gaafatan.
 
Preezdaanti Saahilawarqi zawdee dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf biyyoonni dandeettii qabaniin deebii laachuu akka qaban fooramii saaxalamummaa qabeenya qilleensaa irratti haasaa taasisaniin gaafataniiru.
 
Preezdaantii fooramichaa kan ta’an muummeen ministiraa Baangilaadeesh walga’iin hoggantootaa waamame hoggantoonni guyyaa kaa’ame keessatti ejjennoo jijjiirama qabeenyaa qilleensaa itiisuuf qaban kan mirkaneessanidha jedhaniiru.
 
Preezdaanti Saahilwarqi akka jedhanitti “yeroo hin qabnu, biyyoonni dandeetti qaban hunda hanga Muddee 2013tti guyyaan kaa’ame otuu hin ga’iin deebii laachuu qabu”.
 
Guyyaan kaa’ame kun kutaalee hawaasaa miidhamoo ta’an kan fayyaduu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa hammaachaa dhufe too’achuuf kan dandeesisudha jedhameera.
 
Waliigaltee Paariis irratti kan barreeffame galtee digirii selsiyaas 1.5 milkeessuuf akka gargaaru preezdaanti Saahilwarqi ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.