Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Koomiishinii Gamtaa Awrooppaa har’a Finfinnee ni galu

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Koomiishinii Gamtaa Awrooppaa Ursuulaa Voon Dar Leeyn har’a Finfinnee ni galu.

Ursuulaa Voon Dar Leeyn gara Finfinnee kan dhufan walga’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awrooppaarratti hirmaachufi jedhameera.

Preezdaant Ursuulaa Voon Dar Leeyn jila aanga’oota olaanoo dhimma alaa fi hoggantoota nageenyaa gamtichaa 20 waliin walga’ii kanarratti hirmaachuuf kan dhufan ta’uu ibsameera.

Walga’iin waloo kun guyyaa booru Finfinneetti ni eegalama jedhameera.

Walga’ichi dhimmoota misoomaa, hojii dhabdummaa, misooma magariisummaa fi cee’umsa diijiitaalaa, nageenya, bulchiinsaa fi baqattootarratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamu akka ta’e himameera.

Ursuulaa Voon Dar Leeyn Awrooppaa fi Afrikaan michuu uummamaa, hariiroo seena qabeessaa fi rakkoolee sadarkaa idil addunyaatti qunnaman walqixa kanneen dura dhaabbataniidha jedhan.

Preezdaantiin koomiishinii gamtichaa kun baatii Sadaasaa darbe guyyoota lamaaf Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuun isaanii kan yaadatamudha.

Daawwannaa isaaniin preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, dura taa’aa Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii waliin dhimmoota waloo fi idil addunyaarratti marii taasisaniit turan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.