Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Taanzaaniyaa sirreeffamtoota seeraa kuma 5 oliif dhiifama taasisaan

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suhuuluu kabajaa guyyaa tokkummaa sababeeffachuun namoota mana amalaa sirreessaa keessaa turan kuma 5 oliif dhiifama taasisaniiru.

Peezdaantittiin namoonni dhiifamni taasifameef hawaasatti wayita makaman barnoota mana amalaa sirreessaa keessaatti argatan hojiirra akka olchaanii fi jireenyaa tasgabba’aa akka jiraataan yaadachiisaniiru.

Guyyaan kabajaa tokkummaa Eebila 26, 1964 Taanzaaniyaa fi Zaanibaar gara tokkummaatti dhufuun Rippabiliikiin Taanzaaniyaa itti hundaa’edha.

Biyyattittii waggaa waggaan kabaja guyyaa tokkummaa sababeeffachuun namoota mana amala sirreessaa keessaa jiraaniif dhiifamaa taasisuun kan baratameedha.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.