Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantin Tuuniziyaa karoora nageenya Giddugala Bahaa morman

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Preezdaantin Tuuniziyaa Kayis Sayid karoora nageenyaa Giddugala Baha mormaan.

Preezdaantichi karoora nageenya preezdaanti Ameerikaa Doonald Traamp  baasaan kun haqaa qabeessa miti jechuun mormaniiru.

Preezdaantichi Karoora nageenyicharratti haasaa taasisaniin Filisxeem dhimma ijoo walii galtichaa miti, kun ammoo haqa qabeessa miti jedhaniiru.

Preezdaanti Ameerikaa Doonald Traamp  karoora nageenyaa Giddugala Bahaa ifoomsuun isaanii ni yaadatama.

Karoorichi Iyyerusalemiin magaalaa Israa’eel taasisee kan itti fuufsisuu waan ta’eef mormiin mudateera.

Torbee lamaan dhufu preezdaantin Filisxeem Mahaammud Abbasii fi bakka Muummeen Ministira Israa’eel Beeniyaamin Netaaniyaahu argamanitti haala karoora nageenyicharratti maarii akka taasisaan ni eegama.

 

Maddi: CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.