Fana: At a Speed of Life!

Projaktoonni misooma jallisi gamaaggama raawwii waggaa kurmaana jalqabaa gaggeesse

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Projaktoonni misooma jallisi gamaaggama raawwii waggaa kurmaana jalqabaa gaggeeffameera.

Waltajjichaan komishiniin misooma jallisii abbumaan kan ijaarsisu projaktoota misooma jallaisii bara baajataa 2013 kurmaana jalqaba waggaa raawwii qorannoo, tarreeffama dizaayinaa fi haaromsaa, projaktoota ijaarsaa fi projaktoota misooma jallisii dargaggootaa ilaaleera.

Gamaagamicharratti Ministira Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Shilashii Baqqalaa dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo damichaa argamaniiru.

Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Shilashii Baqqalaa kurmaana jalqabaa waggaa kanaatti roobni cimaan waan tureef hojii ijaarsaaf rakkoo ta’uu kaasuun, baatiiwwan 9 dhufan keessatti hojiiwwan ji’a sadan darbe otuu hin hojjetamiin hafan bakka buusuu ni hojjetama jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.